Dhaabbata Hojii Addunyaatti Qajeelfama Raawwatinsa HIV/AIDS fi Addunyaa Hojii Waajjira Hojii

Qajeelfamni kun, wal-ta’insa DhHA fi miseensotaa sadeen isaa, akkasumas walitti-dhufeenya inni miiltota isaa guutuu addunyaa wajjin qabuun kan qophaahedha. Innis, imaammata bakka hojii mijjaa’aa fi sagantaalee ittisaa fi kunuunsaa qopheessanii hojii irra ooshuu, fi imaammata waa’ee hojjettoota damee dhaabbataa hin-taanee keessa jiran baasuuf kan gargaaru qajeelfama qabatamaa hamma kana hin jedhamne, warra imaammata baasaniif, miindessitootaaf, waldaalee hojjettootaa fi miiltolee hawaasaa warra kaaniif kenna.

“HIV/AIDS”n addunyaa hojiif yaaddoo isa cimaadha. Garee humna namaa isa irra caalaatti oomisheessu miidhee galii xiqqeessaa jira. Akkasumas: oomisha xiqqeessee; baasii humna namaaf bahu guddisee; muuxannoo fi ogummaa dhabamsiisee, dhaabbilee gama damee hundumaatiin jiran irratti baasii guddaa fe’aa jira.
Kana duukaas, “HIV/AIDS”n, mirgoota bu’uuraa bakka hojii miidhaa jira. Keessumaayyuu, haalli kun, loogii fi qoobsii gara hojjettootaa fi namoota “HIV/AIDS” wajjin jiraatan fi isaatiinis miidhaman irratti aggaamameen ta’uun isaa qabatamaadha. Dhibeen kun fi miidhaan isaa, irra caalaatti, namoota dadhabaa ta’an kan akka dubartootaa fi da’imman irratti cimuudhaan, rakkoo gama wal-caaltee saalaa fi daa’imman hojjechiisuutiin jiru daraan cimsaa jira.
Kana irraa ka’ee, Dhaabni Hojii Addunyaa (DhHA), “Qajeelfama Dhimma ‘HIV/AIDS’ fi Addunyaa Hojii” jedhamu fi kan yaada ciccimaa of keessaa qabu baasuuf dirqame. Qajeelfamni kun, tamsa’ina dhibee kanaa ittisuu fi miidhaa inni hojjettootaa fi maatii isaanii irraan gahu salphisuuf, akkasumas dhukkuba kana akka dandamataniif gargaarsaa fi dahoo hawaasaa kennuufiif deeggersa cimaa ta’a. Kanaafuu, waa’ee dhibee kanaa bakka hojiitti ijoo dubbii gochuuf, ejjeta ciccimaa kan akka: “HIV/AIDS” akka dhimma bakka hojiitti beekuu; miindessuu irratti qoobsuu dhiisuu; walqixxummaa koorniyaa; calallii fi eegumsa icciitii; walmarii hawaasaa; ittisaa fi of-eegannoo; fi gargaarsaa qabata.